Seera Bayu'uu 24
24
Rabbi Waadaa Banii Ufiitii Gale Raawwate
1Rabbi Muuse'een akkana jedhe, «Atii fi Aaroon, Naadaab, Abiyuudii fi jaarsonni Israa'eliillee torbaatamni gara gaara Rabbii baya'aatii fagoo dhaabadha'aatii sagadaa'a; 2Muuseen ammo hojja ufiititti gara kiyya gara Rabbii haa dhiyaatuu; baniin ammo isa woliin akka hin dhiyaanne»
3Muuseenillee dhufee jecha Rabbiitii fi seera maraa bani'itti hime; baniin maruu laagaa tokkoon «Waan Rabbi dubbate maraa hin goona» jedhan. 4Muuseenillee jecha Rabbii barreessee ganamaan ka'ee gaara jalatti hulee ciinca'aa akka gosa Israa'elii kudha lamaaniitiin soodduu dhaabe; 5ijoollee Israa'elii keessaa ka'imman waan ciincaa fayyinnaatiif ka Rabbii dhiyaatuuf sangoota akka qalan erge. 6Muuseen wodhakkaa dhiigaa fuudhee qori'itti buusee dhiiga ciinca'aa hulee ciinca'aatitti facaase; 7Kanaan maayessa kitaaba waada'aallee fuudhee laagaa ol fudhatee bani'ii dubbise; isaanillee waan Rabbi jedhe maraa hin goona hin ajajamnaafille'e» jedhan.
8Muuseen dhiiga fuudhee banii irratti akkana jedhee facaase, « Jecha kana maraan waadaan Rabbi dhiigaan isin woliin gale kunooti» jedhe.#Mat. 26:28; Mar. 14:24; Luq. 22:20; Qor. 1ffaa 11:25; Ibr. 9:19-20; 10:29
9Muusee, Aroon, Naadaab, Abiyuudii fi jaarsonni Israa'elii torbaatamman maruu gara gaaraa ol bayan. 10Waaqa Israa'elii argan; miila isaa jala wonta akka maleekkaa Sami'ii ifu waan badhaa bulee akka dhagaa gatii gudda'aatitu ture. 11Inni harka ufii manguddoota Israa'elii irratti hin hiixanne; isaanillee Rabbiin arganii nyaatanii dhugan.
Muuseen Gaara Siina'aa Gubba'atti
12Achiin maayessa Rabbi Muuse'een, «Gara kiyya gara gaaraa ol bayii taa'i; waan ati isaan barsiiftu seeraa fi ajaja kiyya dhagaa baxxee irratti barreessee sii kennaa» jedheen. 13Muuseenii fi gargaaraan isaa Iyyaasuun isa woliin ka'an; Muuseen gara gaara Rabbii ol bayee, 14jaarsotaan «Haga gara keessan deebinuuf as taa'aa'a; Aaroonii fi Hoori kunoo isin woliin taa'an; ka hajaa qabullee yoo jiraate gara isaanii haa dhaquu» isaaniin jedhe.
15Muuseen gara gaaraa ol baye; gaarrillee hurrii duumessaatiin dhoffame. 16Ulfinni Rabbii gaara Siina'aa irra taa'e; guyyaa jahaaf duumessi isa dhosse; guyyaa torbeesso'ootitti Rabbi duumessa keessaan Muusee waamee, 17gaara gubba'atti ijoollee Israa'elii duratti ulfinni Rabbii akka ibidda nama gubuutitti ture. 18Muuseenillee duumessa keessaan gara gaaraa ol baye; Muuseen gaara irra guyyaa afurtamaa fi halkan afurtamaa ture.#Kes. Deb. 9:9
Currently Selected:
Seera Bayu'uu 24: KitWoy
Highlight
Copy
Compare
Share
Want to have your highlights saved across all your devices? Sign up or sign in