YouVersion Logo
Search Icon

Kitaaba Faaru'uu 97

97
Waaqa Bulchaa Ol Aanaa
1Mootiin Waan Maraa mooti'i!
Latti gammadduu ti;
isin worri oddoola abbaaya'aa
keessa jirtanulle gammada'a.
2Duumensii fi dukkanti dimmi
isa marsaneeran;
balchumma'aa fi haqi
hundee mootummaa isaa ti.
3Ibiddi dura isaa ideemaa,
diinota isa marsaneeranu mara guba.
4Balaqqeettiin isaa biyya lafaa issiti;
lattille dhaggitee rommiti.
5Mootii Waan Maraa ka lafa duudi'ii duratti,
gaarri akka gaga'aa hin baqa.
6Ol-gubbaan balchummaa isaa lassiti;
kolbaan martille ulfinna isaa dhaggiti.
7Worri fakkii waaqonfatu,
ka waaqota dharaa gatii hin qanneen kooru marti
hin fokkifatan;
waaqoti marti isaaf jilbiiffatan.
8Ee Mootii Waan Maraa, marroo muraa teetii
worri Xiyoonii dhage'anee hin gammadan;
kolbaan Yihuda'aalle hin ilillitti.
9Ee Mootii Waan Maraa,
ati lafa mara irratti Ol Aana'a;
ati waaqota mara caalta.
10Worri Mootii Waan Maraa jaalatu,
waan hantuu jibbuu ti;
inni lubbuu worra addatama'aa waan eeguuf,
harka worra hamaaleyyi'ii jalaa isaan hin baasa.
11Ifi worra balcha'aaf,
gammaddi worra qajeela'aaf baya.
12Isin balchooti Mootii Waan Maraatiin gammada'a;
maqaa isaa woyyicha leellisa'a.

Currently Selected:

Kitaaba Faaru'uu 97: guj

Highlight

Copy

Compare

Share

None

Want to have your highlights saved across all your devices? Sign up or sign in