YouVersion Logo
Search Icon

Kitaaba Faaru'uu 82

82
Waaqi Bulchaa Ol Aana'a
Faaruu Asaafii.
1Waaqi yaa'ii ol-gubba'aa keessa dhaabbata;
waaqota oddu'utti muraa kenna.
2Inni, «Isin haga yoomii
muraa sirrii hin te'in murtan?
Haga yoomii worra hamaaleyyi'iif golii teetan?
3Worra dadhaba'aa fi
ijoollee abba'aa fi haadha hin qanneef,
dhugaa mura'a;
worra hiyyeeyyi'ii fi worra cunqurfamaa
haqa isaanii eega'a.
4Worra dadhaba'aa fi hiyyeeyyii hambura'a;
harka worra hamaaleyyi'ii keessaa isaan baasa'a.
5«Worri hamaaleyyiin hin beekanu
yookiin womaa hin hubatanu;
dukkana keessa deddeebi'an;
hundeen lafaa duudiin raafante.
6Anille, ‹Isin waaqota;
marti keessanuu
ilmaan Waaqa Ol Aana'aa ti› jedhe.
7Te'uu malee, isin akkuma namaa hin duutan;
akkuma bulchaa tokkoo hin jiddan» jedhe.
8Gosi biyya adda addaa teeti waan teeteef,
ee Waaqa ka'ii, biyya lafaa irratti muraa kenni.

Currently Selected:

Kitaaba Faaru'uu 82: guj

Highlight

Copy

Compare

Share

None

Want to have your highlights saved across all your devices? Sign up or sign in