Kitaaba Faaru'uu 121
121
Ka Nu Eegu Waaqa
Faaruu Ittiin Ol bayanu
1Ani ila tiyyaan gara koobaa ol ilaale;
qarqaarsi kiyya eessaa dhufa?
2Qarqaarsi kiyya ka ol-gubba'aa fi lafa dade,
Mootii Waan Maraa biraa dhufa.
3Inni miilli keeti akka mucucaatu hin lakkisu;
ka si eegu hin mugu.
4Dhugumaan, ka Israa'el eegu
hin mugu; hin rafulle'e.
5Mootiin Waan Maraa si eega;
Mootiin Waan Maraa gaaddisa keeti;
inni midda keeti jira.
6Guyyaa aduun,
halkan jiin si hin miidhu.
7Mootiin Waan Maraa
Waan hantuu mara irraa si eega;
inni jiruu teeti hin eega.
8Mootiin Waan Maraa bayaa fi gala keeti
ammaa jalqabee haga bara baraatitti hin eega.
Currently Selected:
Kitaaba Faaru'uu 121: guj
Highlight
Copy
Compare
Share
Want to have your highlights saved across all your devices? Sign up or sign in
The Word for the World International and Bible Society of Ethiopia