MACAAFA FAARFANNAA 82
82
Waaqayyo Abbaa Firdii Isa Hundumaa Gara Irraa Ta'uu Isaa
(Faarfannaa Asaaf)
1Waaqayyo walga'ii waaqaa keessa in dhaabata,
waaqayyolii gidduuttis inni firdii in dabarsa*.
2Inni,<<Isin hamma yoomiitti jal'inaan faraddu>>
Hamma yoomiittis warra jal'ootaaf loogdu*>>
3Warra dadhaboo fi
warra abbaan irra hin jirreef dhugaa baasaaf,
warra gadadamoo fi warra homaa hin qabne
qajeeltootti ilaalaa*!
4Warra dadhaboo fi
warra waan barbaachisaa dhaban furaa,
harka warra jal'ootaa keessaas
isaan oolchaa!>> in jedha.#1 89:6-8; 1Mot 22:19 2 Kes 1:17 3 Isa 1:17
5Isaan beekumsa yookiis hubannaa hin qaban,
dukkana keessa in deddeebi'u;
hundeen lafaa hundinuu raafamaa dha!
6Ani illee, << <Isin waaqayyolii dha, isin hundumti keessan
ilmaan isa hundumaa gara irraa jiruu ti>>
jedhee dubbadheera*.
7Haa ta'u iyyuu malee, isin akka namootaa in duutu,
warra gurguddoota keessaa
akkuma isa tokkoos in kuftu>> jedhe.#6 Iyo 1:6; Yoh 10:34
8Saba hundumaa kan kee waan godhatteef,
ka'i yaa Waaqayyo, biyya lafaaf firdii kenni!
Currently Selected:
MACAAFA FAARFANNAA 82: MacQul
Highlight
Copy
Compare
Share
Want to have your highlights saved across all your devices? Sign up or sign in
(C) The Bible Society of Ethiopia, 1997; OROMO LATIN BIBLE BSE-UBS 26M 2006.