MACAAFA FAARFANNAA 70
70
Waammata Birmataa
(Far 40:13-17)
(Geggeessituu warra faarfatootaaf; kan Daawit; isa yeroo ixaanni aarfamutti faarfatamu)
1Yaa Waaqayyo, dafii na oolchi,
yaa Waaqayyo, na gargaaruudhaaf ariifadhu!
2Warri jireenya koo balleessuu barbaadan,
haa yeella'an, haa qaana'anis!
Warri hamaan ana argachuutti gammadan,
gara booddee deebi'anii haa salphifaman!
3Warri<<Baga, baga>> anaan jedhan,
qaana'anii gara booddeetti haa deebi'an!
4Warri si barbaadan hundinuu garuu,
isaanitti haa tolu, sittis haa gammadan!
Warri fayyisuu kee jaallatanis
utuu gargar hin kutin,
<<Waaqayyo guddaa dha!>> haa jedhan!
5Waa'ee koof yoo ta'e garuu,
ani gadadamaa dha, dhabaa dhas,
ariifadhuu na bira ga'i, yaa Waaqayyo!
ati gargaarsa koo ti, furii koo tis,
yaa Waaqayyo, egaa hin turin!
Currently Selected:
MACAAFA FAARFANNAA 70: MacQul
Highlight
Copy
Compare
Share
Want to have your highlights saved across all your devices? Sign up or sign in
(C) The Bible Society of Ethiopia, 1997; OROMO LATIN BIBLE BSE-UBS 26M 2006.