YouVersion Logo
Search Icon

MACAAFA FAARFANNAA 131

131
Gad Of Deebisanii Waaqayyotti Of Kennachuu
(Weedduu ittiin ol ba'an; kan Daawit)
1Yaa Waaqayyo,
garaan koo waan guddaatti of hin ilaalu,
mataa irra-keessa qabadhee hin adeemu;
wanta anatti guddatee,
humna koo gara irraattis
dinqisiisaa ta'e keessa hin lixu.
2Ani lubbuu koo urursee cal jechisiiseera;
akkuma mucaan erga harma gu'e iyyuu
haadha isaa yommuu argatu calluma jedhu,
lubbuun koos isa argatetti calluma in jetti*.#2 62:1
3Yaa Israa'el, ammaa jalqabee hamma bara baraatti,
Waaqayyoon abdiidhaan eeggadhu!

Highlight

Copy

Compare

Share

None

Want to have your highlights saved across all your devices? Sign up or sign in