MACAAFA FAARFANNAA 123
123
Harka Waaqayyoo Eeggachuu
(Weedduu ittiin ol ba'an)
1Ati bantiiwwan waaqaa keessa
teessoo kee irra waan jirtuuf,
iji koo ol gara kee in ilaala*.
2Iji hojjetootaa,
harka isa isaan hojjechiifatuu,
iji hojjettuu, harka ishee
ishee hojjechiifattuu in eeggata;
akkasuma immoo hamma Waaqayyo gooftaan keenya
araara nutti argisiisutti,
iji keenya gara isaa in ilaala.#1 1Mot 8:27,29-30
3Araara nutti argisiisi, yaa Waaqayyo,
araara nutti argisiisi!
Nu'oo salphina quufnee nu irraa hafeera.
4Namummaan keenya ceephoo warra quufoo,
isa warri of gurguddisan nu salphisanis
baay'isee quufeera.
Currently Selected:
MACAAFA FAARFANNAA 123: MacQul
Highlight
Copy
Compare
Share
Want to have your highlights saved across all your devices? Sign up or sign in
(C) The Bible Society of Ethiopia, 1997; OROMO LATIN BIBLE BSE-UBS 26M 2006.