Bible App logo
Search Icon

Macaafa Fakkeenyaa 28

28
Fakkeenyaan Dubbachuu Ittuma Fufuu Isaa
1Namni jal'aan
utuu namni isa hin ari'in baqata,
namni qajeelaan garuu
akkuma leenca saafelaa
ija in jabaata*.
2Biyya Waaqayyo irratti kaatu
bulchitoota isheetu baay'ata,
nama hubataadhaa fi beekaa
yoo qabaatte garuu,
mootummaan ishee jabaatee in dhaabata.
3Hiyyeessi hiyyeessa cunqursu,
akka bokkaa midhaan balleessuu ti.#1 Isa 57:21
4Warri seera dhiisan nama jal'aa jaju,
warri seera eegan garuu
isaan in mormu.
5Namoonni hamoonni firdii
dhugaa hin hubatan,
warri Waaqayyoon barbaaddatan garuu,
wanta hundumaa in hubatu;
6sooressa jireenyi isaa micciiramaa irra,
hiyyeessa balleessaa hin qabne wayya*;
7namni seera eegu ilma hubataa dha,
inni hidhata albaadheessaa ta'uu garuu
abbaa isaa in salphisa.#6 19:1
8Namni hiiqiidhaan, gar malee
dhala fudhachuudhaanis
badhaadhummaa baay'ifatu,
nama isa hiyyeessaaf oo'uuf
walitti in qaba*;
9nama seeraaf hin abboomamne,
kadhanni isaa iyyuu ciigga'amaa dha*.
10Namni nama yaada qajeelaa qabu
hamaa irra buusu,
boolluma qotetti in kufa;
namni balleessaa hin qabne garuu,
wanta gaarii ta'e in dhaala*;
11namni sooressi ogeessa of se'a,
hiyyeessi hubataan garuu qoree isa bira in ga'a.#8 13:22; Lew 25:35-37 9 15:8-9 10 26:27
12Namni qajeelaan yommuu biyya fudhatu,
hundumatu gammada;
namni jal'aan yommuu ka'u garuu,
namoonni in dhokatu*.
13Namni irra-daddarbaa isaa dhokfatu, hin hiiqu;
namni irra-daddarbaa isaa himatu,
kan dhiisus garuu
araara in argata*.
14Namni yeroo hundumaa
Waaqayyoon sodaatu eebbifamaa dha,
namni mataa jabaatu garuu rakkina keessa in bu'a;
15bulchaan biyyaa inni jal'aan,
warra gargaarsa hin qabne irratti
akka leenca aaduu,
akka amaaketa beela'ee
waan butu barbaaduu tis.#12 28:28; 29:2 13 Far 32:3-5; 1Yoh 1:8-9
16Bulchaan biyyaa,
inni dubbii gargar baasee
hubachuun itti hir'atu,
warra harka isaa keessa jiran in miidha;
namni bu'aa karaa malee argamu jibbu garuu,
bara dheeraa gammadaa in jiraata.
17Namni nama ajjeesee barbaadamu,
hamma du'a isaatiitti jooraa haa ta'u!
Namni tokko illee isa hin gargaarin*!
18Namni qajeelinatti jiraatu in oola;
namni karaan jireenya isaa
micciirame garuu
battalatti in kufa.
19Namni lafa isaa qotatu buddeena in quufa,
namni wanta waa'ee hin baafne
duukaa bu'u garuu, in hiyyooma*.#17 Uma 4:14 19 12:11
20Namni amanamaan baay'ee eebbifama,
namni soorummaaf sassatu garuu,
utuu hin adabamin hin hafu*;
21firdii jal'isuun gaarii miti,
kana keessaa immoo,
namni buddeena cabaa tokkoof
balleessaa hojjeta*.
22Namni weenna'u, sooromuuf in sassata,
hiyyumni akka isatti dhufus hin beeku*.
23Nama sobee afaaniin namatti kuulu irra,
nama balleessaa namaa namatti mul'isee nama ifatutu,
gara booddeetti caalaa jaallatama.
24Namni abbaa isaa yookiis haadha isaa saamee,
<<Kun balleessaa miti>> jedhu,
hidhata nama isa nama balleessuu ti*.#20 13:11 21 18:5; Kes 1:17 22 23:4-5; 1Xim 6:9 24 Mat 15:4-6
25Namni sassataan yaadaan gargar
ba'uu in kaasa,
namni Waaqayyoon amanatu garuu
itti tolee in jiraata;
26namni yaada oofii isaa amanatu gowwaa dha,
ogummaadhaan kan deddeebi'u garuu in oola.
27Nama hiyyeessaaf kennuutti homtuu hin hir'atu,
namni achi ilaale hiyyeessa bira darbu garuu,
guddaa in abaarama*.
28Jal'oonni yommuu biyya fudhatan,
namoonni of in dhoksu;
yommuu jal'oonni sun badan garuu,
qajeelonni in baay'atu*.#27 14:21 28 11:10; 29:2

Highlight

Copy

Compare

Share

None

Want to have your highlights saved across all your devices? Sign up or sign in