Inni waan akka harka namaa fakkaatuun natti hiixatee rifeensa mata'aa na qabe; mudhatuma kana keessa Hafuurri Rabbii ol na fuudhee gara Yerusaalemii na fide; balbala dallaya qachatti'iitiin gara kaabaatiin gara bayimaa itti gad bayanii dabarsee gara hulee waaqoleen tolfamaan hinaaffaa Rabbii kakkaasu jiranii na geesse.