Isaan meetii ufii karaa irratti gatan; worqiin isaaniillee akka waan batti'iititti laallama; meetiinii fi worqiin isaanii guyyaa lola Rabbii isaan hin oolchu; beela isaan irraa hin balleessu, garaa isaanii hin guutu; wonti kunniin maruu sababaa cubbuu isaaniitiif isaan irra gaya.