GARA WARRA ROOMAA 14
14
Yaada Waliitti Dafanii Akka Hin Faranne
1Nama dubbii amantiitti dadhabaa ta'e ofitti qabaa! Isa ofitti qabuun keessan garuu yaada inni fudhateen morkachuudhaaf hin ta'in*. 2Namni waa gargar baasee hubate waan hundumaa nyaachuu akka danda'u in amana; inni gargar baasee hubachuu dadhabe garuu, nyaata biqiltuu garaa garaa in nyaata*. 3Inni nyaata hundumaa sooratu, isa nyaata hundumaa hin sooranne sana hin ceepha'in; inni nyaata hundumaa hin soorannes isa sooratutti hin faradin! Waaqayyo isas ofitti qabeera*. 4Ati inni hojjetaa biraatti faraddu, eenyu ati? Inni yoo dhaabates, yoo kufes gooftaa isaatu beeka; haa ta'u iyyuu malee, gooftichi isa dhaabachiisuu waan danda'uuf inni in dhaabata*.#1 15:1-2,7 2 Uma 1:29; 9:3; 1Qor 10:25 3 1Qor 8:8-9; 10:23; Qol 2:16 4 Yaq 4:11-12
5Namni guyyaa tokko guyyoota warra kaan irra caalchifatu jira; inni kaan immoo guyyoota hundumaa wal qixxeetti ilaala. Kana irratti namni adduma addaan akkuma fudhatetti yaada isaa gar tokkotti haa kutatu*! 6Namni guyyicha yaadatu gooftaadhaaf isa yaadata; inni nyaata hundumaa sooratu Waaqayyoon waan galateeffatuuf, gooftaa isaatiif hojjechuudhaaf in soorata. Inni nyaata hundumaa hin soorannes gooftaa isaatiif hojjechuudhaaf soorachuu dhiisa, Waaqayyoon immoo in galateeffata*. 7Nu keessaa tokko illee akeeka ofii isaatiif hin jiraatu; tokko illees akeeka ofii isaatiif hin du'u*. 8Yoo jiraanne, akeeka gooftichaatiin jiraanna, yoo duunes akeeka gooftichaatiin duuna; egaa jiraannus duunus nuyi kan gooftichaa ti*. 9Gooftaa warra du'aniif warra jiranii ta'uudhaaf, Kristos du'ee deebi'ee jiraate*.#5 Gal 4:10 6 Qol 3:17; 1Xim 4:4-5 7 2Qor 5:15; Gal 2:20 8 6:10-11; 1Tas 5:10; Luq 20:38 9 HoE 10:42
10Ati garuu maaliif obboleessa keetti faradda ree? Yookiis ati maaliif obboleessa kee ceephaata ree? Hundumti keenya barcuma firdii Waaqayyoo duratti dhi'aachuuf jirra*. 11Caaffata qulqullaa'aa keessatti, ? ?Dhugaa ana isa jiraataa! Jilbi hundinuu anaaf jilbeenfachuuf, arrabni hundinuus ani Waaqayyo akkan ta'e beeksisuuf jiru? jedha gooftichi? kan jedhu caafameera*. 12Kanaafis nu keessaa hundumtinuu adda addaan waan godhe sababii isaa wajjin Waaqayyotti himuuf jira*.#10 2:16; Mat 7:1; 25:31-32; HoE 17:31; 2Qor 5:10 11 Isa 45:23; Filp 2:10-11 12 Gal 6:5
Amantoota Karaa Waaqayyo Irraa Akka Hin Gufachiifne
13Egaa kottaa walitti hin farannu, isin gufuu dura keessanii obboleessa keessan karaa Waaqayyo irraa akka hin gufachiifneef murtoo godhaa malee*. 14Ani karaa gooftaa Yesus wanti tokko illee ofii isaatii xuraa'aa akka hin ta'in beekeera, fudhadheeras; namni tokko wanti kun xuraa'aa dha jedhee yoo amane garuu, isaaf xuraa'aa in ta'a*. 15Nyaanni ati nyaattu yaada obboleessa keetii yoo miidhe, ati jaalalatti qabamtee jiraatta miti; nyaata ofii keetiif nyaattuun nama Kristos du'eef, gara badiisaatti hin geessin*. 16Kanaanis wanta gaarii Waaqayyo biraa argattan hin arrabsiisinaa! 17Mootummaan Waaqayyoo, mootummaa qajeelummaa, nagaa fi gammachuu warra hafuura qulqulluu biraa kennamanii ti malee, mootummaa nyaataa fi dhugaatii miti*. 18Namni isaan kanatti qabamee Kristosiif hojjetu, Waaqayyoon in gammachiisa, namoota birattis in fudhatama.#13 Mat 18:7; 1Qor 8:9; 10:32-33 14 Mat 15:11; HoE 10:15; Tit 1:15 15 13:10; 1Qor 8:11-13 17 Mat 6:33; 1Qor 4:20; 8:8; Ibr 13:9
19Kanaafis kottaa wanta nagaaf ta'u, waan ittiin jireenya tokkummaa waliif ijaarru duukaa in buunaa*! 20Nyaataaf jettee hojii Waaqayyoo hin diigin; wanti nyaatamu hundinuu qullaa'aa dha; namicha nyaata isaatiin nama gufachiisuuf garuu gadhee dha*. 21Egaa foon nyaachuu, daadhii waynii dhuguu yookiis waanuma obboleessi kee ittiin gufatu dhiisuun gaarii dha*. 22Waan qajeelaa dha jettee amantee fudhatte immoo, ofii kee fi Waaqayyo gidduutti qabaadhu! Namni wanta hubatee fudhate sanatti deebi'ee ofitti hin faranne gammachuu qaba*. 23Namni mamaa waa nyaatu garuu, amantiidhaan waan inni hin fudhatiniif itti in faradama; wanti amantiidhaan hin hojjetamne hundinuu cubbuu dha*.#19 12:18; 15:2 20 1Qor 3:21-23; 8:7; Tit 1:15 21 1Qor 8:13 22 1Qor 10:25-27; 1Yoh 3:21 23 14:14
S'ha seleccionat:
GARA WARRA ROOMAA 14: MacQul
Subratllat
Copia
Compara
Comparteix
Vols que els teus subratllats es desin a tots els teus dispositius? Registra't o inicia sessió
(C) The Bible Society of Ethiopia, 1997; OROMO LATIN BIBLE BSE-UBS 26M 2006.