Mootummaan Waaqayyoo, mootummaa qajeelummaa, nagaa fi gammachuu warra hafuura qulqulluu biraa kennamanii ti malee, mootummaa nyaataa fi dhugaatii miti*. Namni isaan kanatti qabamee Kristosiif hojjetu, Waaqayyoon in gammachiisa, namoota birattis in fudhatama.