Kitaaba Fakkeennaa 14
14
1Dubartiin qaroon mana ifii ijaarratti;
dubartiin gowwaan ammoo
harkuma ifiitiin mana ifii diiddi.
2Nami karaa qajeelaa ideemu
Mootii Waan Maraa sodaata;
ka karaan isaa micciirama'aa ammoo isa tuffata.
3Nama gowwaa dubbuma isaatitti adabbii isatti fida;
nama qaroo ammoo afaan isaatitti isa eega.
4Lafa qotiyyoon hin jirre gootaraan duwwaa hin te'a;
hunna qotiyyo'ootiin ammoo
midhaan hin bacata.
5Dhugaa bayaan dhugaammessi hin sobu;
dhugaa bayaan dharaamessi ammoo dhara dubbata.
6Nami murgaamessi qarummaa hin barbaada;
garuu hin dhaggatu;
worra qalbeeffataa ammoo
beekkumsa dhaggatiisi hin dhibu.
7Afaan isaa irraa
beekkumsa waan hin dhagganneef,
nama gowwaa irraa fagaadhu.
8Qarummaan nama qalbeeffata'aa
karaa irraa akka hin gorre tolchiti;
gowwummaan nama gowwa'aa
ammoo karaa irraa gorsiti.
9Gowwooleen ciincaa sababa cubbu'uutiif dhikaatutti murgan;
odduu worra qajeela'aa ammoo
fedhii dansa'atti jira.
10Nami martinuu
gammadaa fi gadda hadhowaa ifii hin beeka;
ka isa woliin qoodamu hin jiru.
11Manni worra hama'aa hin jiga;
qe'een worra qajeela'aa ammoo hin badhatti.
12Karaan sirrii namatti fakkaatu jira;
muummeen isaa ammoo gara du'aa geessa.
13Kolla keessaayyuu gaddi jiraachuu dande'a;
gammadi gaddaan muummowuu dande'a.
14Nami hamaan gatii hammeenna ifii hin fudhata;
nami dansaalle gatii hujii dansaa ifii hin fudhata.
15Gowwaan waan mara dhugeeffata;
qalbeeffataan ammoo ijjata ifii hin ilaallata.
16Nami qaroon waan hantuu sodaatee irraa hin deebi'a;
nami gowwaan ammoo ifi hin eegatu;
hin ariifatalle'e.
17Nami dafee aaru waan gadhee huja;
nami mala namatti dhowu hin jibbatama.
18Nami hin bilchaatin gowwummaa dhaala;
nami qalbeeffataan beekkumsa
akka kallachaa keyata.
19Worri hamaan worra dansaa duratti,
worri cubbaaleyyiin
karra worra balcha'aa duratti gad hin jedhan.
20Hiyyeessi ollaa ifiitiinuu hin jibbatama;
dureessi ammoo jaalota hedduu qaba.
21Nami nama tuffatu cubbaalessa;
nami hiyyeessaaf nayu ka gammade.
22Worri mala hamaa dhowu
karaa irraa goranii motii ree?
Worri mala dansaa dhowu ammoo hin jaalataman;
hin addatamanille'e.
23Jabaatanee hujiis bu'aa qaba;
oduu callaa odeessiis ammoo
gara hiyyumma'aa qofa nama geessiti.
24Qananummaan kallacha qaroole'ee ti;
gowwummaan ammoo seesa gowwoole'ee ti.
25Dhugaa bayaan dhugaammessi jiruu fayyisa;
dhugaa bayaan dharaamessi ammoo hin soba.
26Nami Mootii Waan Maraa sodaatu
kushee jadduu qaba;
ijoollee isaatiifille addee itti baqattu hin teeti.
27Mootii Waan Maraa sodaatiis madda jiru'uu ti;
tiyyoo du'aa irraa nama deebisa.
28Ulfinni mooti'ii bacinna kolba'aa ti;
kolbaan yoo hin jiraatin ammoo inni hin bada.
29Nami ossatu hubantii guddoo qaba;
nami dafee aaru ammoo gowwummaa mudhisa.
30Yaadi nageyaa jiruu nafaaf kenna;
hinaaffaan ammoo lafee tortorsa.
31Nami hiyyeessa cunqursu
ka isa dade tuffata;
ka hiyyeeyyi'iif nayu ammoo
Waaqaaf ulfinna kenna.
32Nami hamaan hammeenna ifiitiin bada;
nami balchaan du'a keessalle'etti
addee itti baqatu qaba.
33Qarummaan gadhaa worra woy hubatuu keessa leeti;
isiin gadhaa gowwootaa keessatti ammoo hin beekkantu.
34Balchummaan kolbaa ol qaddi;
cubbuun ammoo kolbuma mara salphitti.
35Mootiin tajaajilaa qaro'otti hin gammada;
ka isa fokkisiisutti ammoo hin mufata.
Currently Selected:
Kitaaba Fakkeennaa 14: guj
Highlight
Copy
Compare
Share
Want to have your highlights saved across all your devices? Sign up or sign in
The Word for the World International and Bible Society of Ethiopia