Kitaaba Seera Bayiisaa 2:11-12
Kitaaba Seera Bayiisaa 2:11-12 GUJ
Muuseen guddateen duuba guyyaa tokko addee kolbaan isaa jirtu dhaqee hujii hunnaa jajjadduu hujanuun dhagge. Nami Gibxi'ii tokko kolbaa Muuse'ee keessaa Ibraawicha tokko dhaanuun dhagge. Inni asii fi achi ilaalee nami isa dhaggu tokkolle akka hin jirre hubateen duuba, nama Gibxi'ii san ijjeesee reeffa isaa maansa jala dhosse.





