MACAAFA FAARFANNAA 127
127
Wanti Eebba Waaqayyoo Qabu Jabaatee Hafuu Isaa
(Weedduu ittiin ol ba'an; kan Solomoon)
1Waaqayyo mana namaa yoo ijaaruu dhabaate,
warri isa ijaaran akkasumaan itti dadhabu;
Waaqayyo mandara tokko yoo eeguu dhabaate,
namni isa eegu akkasumaan eegaa bula.
2Isin bariidhaan kaatanii utuu gad hin taa'in
hamma waariitti warri hojjettan,
buddeena nyaataniifis warri dadhabdan
akkasumaan in rakkattu;
inni michoota isaatiif hirriba keessatti iyyuu
akkuma kana in kennaaf*.#2 Fak 10:22; Kes 8:17-18; Mat 6:25-34
3Ilaa ijoolleen kennaa Waaqayyoo ti,
dhala godhachuunis bu'aa inni namaaf kennuu dha*.
4Ilmaan dargaggummaadhaan godhatan,
akka xiyya harka jagnaa keessa jiruu ti.
5Namni warra akka xiyyaa kana
mana guuttate, haa gammadu!
Isaan lafa yaa'iitti diinota isaanii wajjin,
yeroo walitti falman hin yeellaasifaman.#3 128:3; Uma 30:2; 33:5
Currently Selected:
MACAAFA FAARFANNAA 127: MacQul
Highlight
Copy
Compare
Share
Want to have your highlights saved across all your devices? Sign up or sign in
(C) The Bible Society of Ethiopia, 1997; OROMO LATIN BIBLE BSE-UBS 26M 2006.