Isaan wol woliin, «Nuuti yakkaa obboleessa keenna irratti hunyeef, amma rakkatiisatti jirra; nuuti rakkoo isaa dhagginee, innille akka nuuti isa fayyinnuuf nu kadhatee, nuuti ammoo isa dhage'uu didanne. Nuuti amma sababa kanaaf rakkoo tana keessa jirra» jedhane.