Laakkossa loobaa faara ijaarsaalle haga qara hujjanu hin dhidhisina'a; haguma qara itti murteeffame san akka fidanu godha'a. Isaan booseya; tanaaf, ‹Dhandhee ciincaa Waaqa keennaaf dhikeessina› jedhaa natti iyyan. Isaan oduu dharaa akka hin caqanne, huji'iin akka qabamanuuf, hujii ulfaattuu akka isaan hujanu tolcha'a» jedhe.