Isaan ogeeyyii hujii harkaa, worra karoora baasu, liilana bifa cuquliisaatiin, ka bifa dhiille'eetiin, ka bifa diima'aa ka quncee talba'aa dansa'aatiin worra kuuluu fi worra woyaa dhowu, ogeeyyii waan maraatii fi worra karoora baasu te'anee hujii adda addaa akka hujanu inni ogumma'aan isaan guuteera.