1
Baʼuu 4:11-12
Hiikkaa Ammayyaa Haaraa, Loqoda Dhiʼaa
HAH
WAAQAYYOS akkana isaan jedhe; “Kan afaan namaa uume eenyu? Kan akka namni arrab-didaa taʼu yookaan duudu godhu eenyu? Kan agartuu ijaa namaaf kennu yookaan jaamsu eenyu? Anuma WAAQAYYOO mitii? Amma dhaqi; ani afaan kee wajjin nan taʼa; waan ati jettus sin barsiisa.”
Compare
Explore Baʼuu 4:11-12
2
Baʼuu 4:10
Museenis WAAQAYYOON, “Yaa Gooftaa, ani duris taʼu yookaan erga ati garbicha keetti dubbachuu jalqabdee as nama arraba qajeelu miti. Ani nama afaan isaa hidhamee arrabni isaas itti ulfaatuu dha” jedhe.
Explore Baʼuu 4:10
3
Baʼuu 4:14
Dheekkamsi WAAQAYYOOS Musee irratti bobaʼe; innis akkana jedhe; “Obboleessi kee Aroon Lewwichi jira mitii? Ani akka inni akka gaariitti dubbatu nan beeka. Kunoo, inni gara kee dhufuutti jira. Inni yommuu si argutti ni gammada.
Explore Baʼuu 4:14