Kunoo ani kattaa Kooreeb sana bira fuula kee dura achi nan dhaabadha; akka namoonni bishaan dhuganiif ati kattaa sana dhaʼi; bishaanis isa keessaa ni baʼa.” Kanaafuu Museen fuula maanguddoota Israaʼel duratti akkasuma godhe. Sababii Israaʼeloonni lola kaasanii fi sababii isaan, “WAAQAYYO nu wajjin jira moo hin jiru?” jechuudhaan WAAQAYYOON qoraniif Museen iddoo sana Maasaahii fi Mariibaa jedhee moggaase.