1
Hojii 11:26
Hiikkaa Ammayyaa Haaraa, Loqoda Dhiʼaa
HAH
Yommuu isa argettis Anxookiiyaatti isa geesse. Isaanis waggaa tokko guutuu waldaa sanaan wal gaʼanii namoota baayʼee barsiisan. Barattoonnis yeroo jalqabaatiif Anxookiiyaatti, “Kiristaana” jedhaman.
Compare
Explore Hojii 11:26
2
Hojii 11:23-24
Innis yommuu achi gaʼee Ayyaana Waaqaa argetti ni gammade; akka isaan garaa tokkoon Gooftaaf amanamanii jiraataniifis isaan hunda jajjabeesse. Inni nama gaarii Hafuura Qulqulluu fi amantiidhaan guutame ture; namoonni baayʼeenis Gooftaatti dabalaman.
Explore Hojii 11:23-24
3
Hojii 11:17-18
Kanaafuu erga Waaqni kennaadhuma yeroo nu gooftaa Yesuus Kiristoositti amanne nuu kenne sana isaaniifis kennee Waaqaan mormuuf ani eenyu?” Isaanis waan kana dhagaʼanii calʼisan; “Yoos Waaqni qalbii jijjiirratanii jiraachuu Namoota Ormaatiifis kenneera” jedhanii Waaqa galateeffatan.
Explore Hojii 11:17-18