Rabbi afoo isaa lufee, «Rabbi; Rabbii namaa dhiisu, ka gaachena qabu, ka obsu, Rabbii abbaa arjummaa gudda'aatii fi dhuga'aa; ka arjummaa ufii haga dhaloota kumaa eegu; ka yakka, balleessa'aa fi cubbuu namaa dhiisu; ka yakkamaa adabbii malee hin dhiifne, Waaqa cubbuu abbootaa haga dhaloota sadeesso'ootii fi arfeesso'oo ijoollee ijoollee isaanii irraan gawu» jedhee maqaa ufii labse.