«Ila ani ilma ilma Hoorii ilma Uurii Baasili'eelii gosa Yihuuda'aa maqaa isaatiin waameera. Hafuurri Rabbii hujii isaa maraan ogummaa'a, hubanna'aa fi beekkumsa akka argatu itti guuteera; akka hujii ogumma'aan hubatu, akka worqii, birrii, sibiila diimaa, akka dhagaa ijaarsaa tolchu, akka muka bocu, waan gara garaa midhaassee akka hojjatuuf.