Uffanni isaan hojjatanillee ka uffata qomaa qabu, qamisii babarruu gad diratan, Efuudii, Shinshinii, Shamisii, waan mata'atti maratanii fi ka sabbata hidhataniin qabu haa ta'uu; uffata seeraa kanniin akka gadoota naa ta'aniif obboleessa kee Aaroonii fi ijoollee isaatii haa hojjatanii.