Ati siri'ii Waaqa sami'iititti boontee ol uf qabde; meeshaa worqi'ii ka mana woyyuu keessaa saamamanii dhufan fuusiftee atii fi worri baallii qaban, haawwonni manaa teetii fi dubartoonni ati mata gala itti galtu ka daadhii itti dhugan gootan; haga dhuddaniin maayessa waaqolee tolfamaa arguu yookaan dhagawuu hin dandeenne ka woma tokkollee hin beenne ka worqi'ii meetii, sibiila diimaa, sibiila, mukaa fi ka dhagaa irraa hojjataman galatoonfattan, Waaqa jiraataa ajjeesuu yookaan fayyisuu danda'uu fi ka jireenna kee tooyatu ammo hin kabajjine.