Yesuus, «Sanuma as fidaa'a!» isaaniin jedhe. Achiin maayessa inni gumiin marga irra akka taa'an ajaje. Xoroshoo shanii fi qurxummii lamaa fuudhee, gara sami'ii ol laalee, galatoonfatee xoroshoo caccabsee darasootatti kenne; darasoonnillee gumi'iif kennan.