HOJII ERGAMOOTAA 7:57-58

HOJII ERGAMOOTAA 7:57-58 MACQUL

Isaan garuu gurra isaanii cuqaalatanii, guddisanii itti wacaniis, erga-takkaa itti fiigan. Mandara keessaa daddarbachaa gad baasanii, dhagaadhaan in rukutan; warri dhuga-baatuunis uffata isaanii miilla dargaggeessa Saa'ol jedhamu tokko jala naqatanii turan*.