HOJII ERGAMOOTAA 25:6-7

HOJII ERGAMOOTAA 25:6-7 MACQUL

Fesxoos guyyaa saddeet yookiis kudhan isaan bira bubbule, kana booddee Qiisaariyaatti gad bu'e; borumtaas barcuma firdii irra taa'ee, Phaawulosin akka ol galchan abboome. Akkuma Phaawulos dhi'aateen, Yihudoonni Yerusaalemii dhufan isatti marsan. Hadheessa ciccimaa baay'ees isa irratti dhi'eessan; haa ta'u iyyuu malee dhugaa itti baasisuu hin dandeenye*.