1
Roomaa 3:23-24
Hiikkaa Ammayyaa Haaraa, Loqoda Dhiʼaa
HAH
sababii hundi isaanii iyyuu cubbuu hojjetaniif isaan ulfina Waaqaa irraa citaniiruutii; isaanis ayyaana Waaqaa isa furama karaa Kiristoos Yesuusiin toluma kennameefiin qajeeltota taasifamaniiru.
Vergelijk
Ontdek Roomaa 3:23-24
2
Roomaa 3:22
Qajeelummaan Waaqaa kun amantiidhaan warra Yesuus Kiristoositti amanan hundaaf kennama; nama wal caalchisuun hin jiru
Ontdek Roomaa 3:22
3
Roomaa 3:25-26
Dhiiga isaatti amantii qabaachuudhaanis akka inni aarsaa araaraa taʼuuf Waaqni isa dhiʼeesse. Waan kana gochuun isaas cubbuu kanaan dura hojjetame utuu hin adabin waan obsaan bira darbeef qajeelina isaa argisiisuuf jedhee ti; Waaqni yeroo ammaa qajeelummaa isaa argisiisuu fi akka nama Yesuusitti amanus qajeelaa taʼuu isaa labsuuf waan kana godhe.
Ontdek Roomaa 3:25-26
4
Roomaa 3:20
Kanaafis eenyu iyyuu seera eeguudhaan fuula Waaqaa duratti qajeelaa hin taʼu; seeratu cubbuu nu hubachiisaatii.
Ontdek Roomaa 3:20
5
Roomaa 3:10-12
Kunis kan akkana jedhamee barreeffamee dha: “Qajeelaan tokko iyyuu hin jiru; namni tokko iyyuu; namni hubannaa qabu, kan Waaqa barbaadu tokko iyyuu hin jiru. Hundinuu dogoggoraniiru; walumatti warra faayidaa hin qabne taʼaniiru; namni waan gaarii hojjetu tokko iyyuu hin jiru; tokkumti iyyuu hin jiru.”
Ontdek Roomaa 3:10-12
6
Roomaa 3:28
Nu akka namni seera eeguudhaan utuu hin taʼin amantiidhaan qajeelaa taasifamu ni amannaatii.
Ontdek Roomaa 3:28
7
Roomaa 3:4
Gonkumaa hin taʼu! Namoonni hundinuu sobdoota, Waaqni immoo dhugaa qabeessa haa taʼu. Kunis akkuma, “Akka ati dubbii keetiin dhuga qabeessa taatuuf, yommuu murtiitti dhiʼaattuttis akka moʼattuuf” jedhamee barreeffamee dha.
Ontdek Roomaa 3:4